1 Waaqa jabina nuu taʼeef gammachuudhaan faarfadhaa;
2 Faarfachuu jalqabaa; dibbees rukutaa;
3 Yeroo Baatiin dhalattu, yommuu jiʼi goobanutti,
4 kun seera Israaʼeliif kenname,
5 Inni yeroo biyya Gibxi dhaʼuuf baʼetti,
6 Innis akkana jedhe; // “Ani gatiittii isaanii irraa baʼaa buuseera;
7 Ati dhiphina kee keessatti na waammatte; anis sin oolche;
8 “Yaa saba koo dhagaʼi; ani siin akeekkachiisa;
9 Waaqni ormaa tokko iyyuu isin gidduu hin jiraatin;
10 Ani Waaqayyo Waaqa kee,
11 “Sabni koo garuu na hin dhaggeeffanne;
12 Kanaafuu ani akka isaan karaa fedhii isaanii deemaniif
13 “Utuu sabni koo na dhaggeeffatee,
14 ani silaa akkam dafee diinota isaanii jilbeenfachiisee
15 Warri Waaqayyoon jibban fuula isaa duratti ni gugguufu;
16 Ani garuu qamadii qulqulluu isin soora;