1 Ani akkana nan jedhe; “Ani karaa koo nan eeggadha;
2 Ani calʼisee akkuma duudaa nan taʼe;
3 onneen koo na keessatti bulluqaa deeme;
4 Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi;
5 Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta;
6 Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa;
7 “Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha?
8 Dogoggora koo hunda irraa na oolchi;
9 Ani duudaa dha; afaan koos hin saaqqadhu;
10 Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii;
11 Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas;
12 “Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;
13 Utuun godaanee lafa irraa hin dhabamin dura