1 Yaa Waaqayyo, aarii keetiin na hin ifatin
2 Xiyyooliin kee na waraananiiru;
3 Sababii dheekkamsa keetiitiif dhagni koo fayyaa dhabeera;
4 Cubbuun koo na liqimseeraatii;
5 Sababii gowwummaa kootiitiif,
6 Ani gad nan qabame; gadis nan cabe;
7 Dugdi koo na bobaʼa;
8 Ani laafeera; akka malees bututeera;
9 Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha;
10 Lapheen koo ni dhaʼatti; jilbis na laafeera;
11 Michoonni koo fi miiltoon koo sababii madaa kootiitiif narraa hiiqan;
12 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan kiyyoo naa kaaʼaniiru;
13 Ani garuu akkuma duudaa dhagaʼuu hin dandeenyee,
14 Ani akka nama dhagaʼuu hin dandeenyee,
15 Yaa Waaqayyo, ani sin eeggadha;
16 Ani, “Akka diinonni koo natti gammadan
17 Ani kufuu gaʼeeraatii;
18 Ani balleessaa koo nan himadha;
19 Warri akkasumaan diinota koo taʼan jajjaboo dha;
20 Warri qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisan diinota koo ti;
21 Yaa Waaqayyo, ati na hin gatin;
22 Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko,