1 Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin
2 Isaan akkuma margaa dafanii coollagu;
3 Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu;
4 Waaqayyotti gammadi;
5 Karaa kee Waaqayyotti kennadhu;
6 Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti,
7 Waaqayyo duratti calʼisi;
8 Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi;
9 Namoonni hamoon ni balleeffamuutii;
10 Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan;
11 Garraamonni garuu lafa ni dhaalu;
12 Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu;
13 Gooftaan hamootatti ni kolfa;
14 Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi
15 Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana;
16 Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra,
17 humni hamootaa ni cabaatii;
18 Waaqayyo bara tolootaa ni beeka;
19 Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan;
20 Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu;
21 Namoonni hamoon ni liqeeffatu;
22 warri Waaqayyo eebbisu lafa ni dhaalu;
23 Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama;
24 Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu;
25 Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera;
26 Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus;
27 Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu;
28 Waaqayyo murtii qajeelaa jaallataatii;
29 Qajeeltonni lafa ni dhaalu;
30 Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;
31 Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira;
32 Namoonni hamoon qajeeltota gaadu;
33 Waaqayyo garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu
34 Waaqayyoon eeggadhu; karaa isaas eegi.
35 Nama hamaa fi gara jabeessa,
36 Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre;
37 Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali;
38 Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu;
39 Fayyinni qajeeltotaa Waaqayyo biraa dhufa;
40 Waaqayyo isaan gargaara; isaan oolchas;