1 Yaa Waaqayyo, mootiin jabina keetti baayʼee gammada.
2 Ati hawwii garaa isaa kenniteefii jirta;
3 Ati eebba guddaadhaan isa simatte;
4 Inni jireenya si kadhate; atis ni kenniteef;
5 Ulfinni isaa moʼannaa ati isaaf kenniteen guddaa taʼe;
6 Ati eebba bara baraa kenniteef;
7 Mootichi Waaqayyoon amanataatii;
8 Harki kee diinota kee hunda ni qabata;
9 Yeroo mulʼachuu keetiitti,
10 Ati sanyii isaanii lafa irraa,
11 Isaan yoo waan hamaa sitti yaadan,
12 Ati yommuu iddaa kee isaanitti qabdutti,
13 Yaa Waaqayyo, jabina keetiin ol ol jedhi;