1 Guyyaa rakkinaatti Waaqayyo deebii siif haa kennu;
2 Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu;
3 Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu;
4 Hawwii garaa keetii siif haa kennu;
5 Yommuu ati moʼattutti ililchinee
6 Ani akka Waaqayyo dibamaa isaa fayyisu amma beeka;
7 Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu;
8 Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana;
9 Yaa Waaqayyo, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni!