1 Yaa Waaqayyo, iyyata ani murtii qajeelaaf iyyadhu dhagaʼi;
2 Murtiin koo si biraa haa dhufu;
3 Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte,
4 Waaʼee hojii namootaa immoo ani dubbii afaan keetiitiin
5 Tarkaanfiin koo karaa kee irratti cimeera;
6 Yaa Waaqi, waan ati deebii naa kennituuf ani sin waammadha;
7 Yaa isa warra diinota isaanii jalaa sitti baqatan
8 Akka agartuu ija keetiitti na eegi;
9 hamoota na dhiphisan jalaa,
10 Isaan garaa isaanii kan namaa hin naane sana ni guduunfu;
11 Isaan faana na dhaʼu; ammas na marsaniiru;
12 Isaan akka leenca waa kukkutachuu kajeeluu ti;
13 Yaa Waaqayyo kaʼi; itti baʼiitii isaan kuffisi;
14 Yaa Waaqayyo, namoota akkanaa jalaa,
15 Ani garuu qajeelummaadhaan fuula kee nan arga;