1 Yaa Waaqayyo jabina ko, ani sin jaalladha.
2 Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;
3 Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha;
4 Funyoon duʼaa na xaxe;
5 Funyoon siiʼool natti marame;
6 Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe;
7 Lafti ni hollatte; ni sochootes;
8 Aarri funyaan isaatii ol baʼe;
9 Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe;
10 Inni kiirubeelin yaabbatee barrise;
11 Inni dukkana haguuggii isaa, duumessa samii kan
12 Ifa fuula isaa keessaas duumessi dhagaa cabbiitii fi
13 Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe;
14 Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse;
15 Yaa Waaqayyo, dheekkamsa keetiin,
16 Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe;
17 Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo
18 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan;
19 Inni iddoo balʼaatti na baase;
20 Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera;
21 Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii;
22 Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira;
23 Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture;
24 Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti,
25 Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta;
26 Nama qulqulluutti qulqulluu taata;
27 Ati warra gad of qaban ni oolchita;
28 Yaa Waaqayyo ati ibsaa koo jabeessitee ni ibsita;
29 Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema;
30 Waaqa kana karaan isaa mudaa hin qabu;
31 Waaqayyo malee Waaqni eenyu?
32 Kan humna na hidhachiisu,
33 Inni miilla koo akka miilla borofaa godha;
34 Inni harka koo waraanaaf leenjisa;
35 Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota;
36 Akka koomeen koo hin mucucaanneef,
37 Ani diinota koo ariʼee nan qaqqabadhe;
38 Ani akka isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandeenyeef isaan nan barbadeesse;
39 Ati lolaaf humna na hidhachiifte;
40 Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta;
41 Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre;
42 Anis akkuma awwaara bubbeen fudhatuutti isaan nan daake;
43 Ati lola namootaa jalaa na baafteerta;
44 Namoonni ormaa na sossobatan;
45 Isaan hundi abdii kutatan;
46 Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu!
47 Inni Waaqa haaloo naa baasu,
48 diinota koo jalaas na baasa.
49 Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa;
50 Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna;