1 Haalleluuyaa.
2 Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu;
3 Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu;
4 Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii;
5 Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan;
6 Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu;
7 kunis sabootatti haaloo baʼuu fi
8 mootota isaanii foncaan,
9 murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf.