1 Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa;
2 Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha;
3 Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;
4 Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima;
5 Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa // surraa kee sanaa ni dubbatu;
6 Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu;
7 Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu;
8 Waaqayyo arjaa fi gara laafessa;
9 Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha;
10 Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata;
11 Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu;
12 kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa,
13 Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;
14 Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba;
15 Iji nama hundaa si eeggata;
16 Ati harka kee balʼiftee
17 Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha;
18 Waaqayyo warra isa waammatan hundatti,
19 Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta;
20 Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega;
21 Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata.