1 Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin;
2 isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa,
3 Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin;
4 Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi
5 Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu;
6 karaa kee hunda keessatti isa dursi;
7 Ani ogeessa ofiin hin jedhin;
8 Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna;
9 Qabeenya keetiin,
10 yoos gombisaan kee hamma irraan dhangalaʼutti guutama;
11 Yaa ilma ko, adabbii Waaqayyoo hin tuffatin;
12 Waaqayyo akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti
13 Namni ogummaa argatu
14 ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii;
15 Gatiin ishee gatii lula diimaa caala;
16 Jireenyi dheeraan harka ishee mirgaa keessa jira;
17 Karaan ishee karaa nama gammachiisuu dha;
18 Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti;
19 Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa buuse;
20 beekumsa isaatiin tuujubawwan gargar qoodaman;
21 Yaa ilma ko ogummaa fi hubannaa dhugaa eeggadhu;
22 isaan jireenya siif taʼu;
23 Yoos ati karaa kee nagumaan deemta;
24 ati yoo raftu hin sodaattu;
25 Balaa akkuma tasaa sitti dhufu
26 Waaqayyo irkoo siif taʼaatii;
27 Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti,
28 Utuu amma waa qabduu,
29 Ollaa kee kan si amanee si cina jiraatu miidhuuf jettee
30 Nama tokko utuu inni homaa si hin godhin
31 Nama dabaatti hin hinaafin;
32 Waaqayyo nama jalʼaa ni jibbaatii;
33 Abaarsi Waaqayyoo mana nama hamaa irra buʼa;
34 Inni qoostota of tuultotatti ni qoosa;
35 Ogeeyyiin ulfina dhaalu;