1 Ati waaʼee boriitiin hin boonin;
2 Namni biraa si haa jaju malee ati afaan keetiin of hin jajin;
3 Dhagaan ni ulfaata; cirrachis baʼaa dha;
4 Dheekkamsi gara jabeessa; aariinis guutee dhangalaʼa;
5 Jaalala dhokfamee mannaa
6 Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha;
7 Namni quufe damma illee ni balfa;
8 Namni mana isaatii badu tokko,
9 Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu;
10 Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin;
11 Yaa ilma ko, ogeessa taʼiitii garaa koo gammachiisi;
12 Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata;
13 Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu;
14 Namni tokko ganamaan sagalee ol fudhatee // ollaa isaa yoo eebbise
15 Niitiin nyakkiftuun, akkuma bokkaa guyyaa roobaa
16 ishee ittisuun akkuma bubbee ittisuu ti
17 Akkuma sibiilli sibiila qaru,
18 Namni muka harbuu eeggatu tokko ija isaa nyaata;
19 Akkuma bishaan fuula namaa argisiisu sana
20 Duʼaa fi Badiisni gonkumaa hin quufan;
21 Okkoteen waa itti baqsan meetiif;
22 Gowwaa mooyyee keessatti yoo tumte iyyuu,
23 Haala bushaayeen kee keessa jiran sirriitti beeki;
24 soorumni bara baraan itti hin fufuutii;
25 Yeroo okaan haamamee biqilaa haaraan jalaan biqilee
26 xobbaallaawwaniin daara baata;
27 Ati ofii keetii fi maatii kee, // xomboreewwan kees ittiin jiraachisuuf