1 Ati yeroo waa nyaachuuf bulchaa tokko wajjin teessutti,
2 ati yoo nyaataaf fedhii guddaa qabaatte,
3 Waan nyaanni sun nama gowwoomsuuf,
4 Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin;
5 Sooromni yommuu ati ija irra buufattutti ni bada;
6 Buddeena doqnaa hin nyaatin;
7 inni yeroo hunda waaʼee gatii yaadaatii.
8 Ati waanuma xinnoo nyaatte sana ni diddigda;
9 Sababii inni ogummaa dubbii keetii tuffatuuf
10 Dhagaa daangaa durii hin dhiibin
11 Furiin isaanii jabaadhaatii;
12 Qalbii kee gara gorsaatti, gurra kee immoo
13 Ijoollee kee adabachuu hin dhiisin;
14 Arcummeedhaan isaan adabiitii
15 Yaa ilma ko, yoo garaan kee ogeessa taʼe,
16 yoo arrabni kee waan qajeelaa dubbate,
17 Garaan kee cubbamootatti hin hinaafin;
18 Ati dhugumaan gara fuulduraatti abdii qabda;
19 Yaa ilma ko, dhaggeeffadhu; ogeessa taʼi;
20 Warra daadhii wayinii baayʼee dhuganitti
21 machooftuu fi albaadheyyiin ni hiyyoomu;
22 Abbaa kee kan si dhalche dhagaʼi;
23 Dhugaa bitadhu malee hin gurgurin;
24 Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba;
25 Abbaan keetii fi haati kee haa gammadan;
26 Yaa ilma ko, garaa kee naa kenni;
27 sagaagaltuun boolla gad fagoodhaatii,
28 Isheen akkuma saamtuutti riphxee nama eeggatti;
29 Eenyutu, “Anaaf wayyoo!” jedha? Eenyutu gadda qaba?
30 Warra daadhii wayinii dhuguu irra akka malee turan,
31 Yeroo inni diimatutti, yeroo inni billillee keessa ol xixinniqutti,
32 Dhuma irratti akkuma bofaa nama idda;
33 Iji kee waan haaraa arga;
34 Ati akkuma nama walakkaa galaana guddaa ciisuu ti;
35 Ati akkana jetta; “Isaan na dhaʼan;