1 Yaadni mootii akkuma yaaʼaa bishaanii harka Waaqayyoo keessa jira;
2 Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata;
3 Fuula Waaqayyoo duratti aarsaa caalaa,
4 Iji of jajuu fi garaan of tuuluu maasii hamootaa
5 Karoorri nama tattaaffatuu buʼaa argamsiisa;
6 Qabeenyi arraba sobuun argamu,
7 Sababii isaan waan qajeelaa hojjechuu didaniif,
8 Karaan nama balleessaa qabuu jalʼaa dha;
9 Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa,
10 Namni hamaan jalʼina dharraʼa;
11 Yeroo namni qoosu tokko adabamutti, // wallaalaan ogummaa argata;
12 Namni qajeelaan mana hamootaa qalbeeffatee ilaala;
13 Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide,
14 Wanni dhoksaadhaan namaaf kennan aarii qabbaneessa;
15 Murtii qajeelaa kennuun qajeeltotaaf gammachuu kenna;
16 Namni karaa hubannaa irraa badu kam iyyuu
17 Namni qananii jaallatu ni deega;
18 Namni hamaan nama qajeelaadhaaf,
19 Niitii nyakkiftuu fi kan daftee aartu wajjin jiraachuu mannaa,
20 Mana nama ogeessaa keessa qabeenya gatii guddaatii fi zayitiitu jira;
21 Namni qajeelummaa fi jaalala duukaa buʼu,
22 Namni ogeessi magaalaa nama jabaatti baʼee
23 Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu,
24 Nama of jajuu fi of tuulu maqaan isaa, “Qoostuu dha;”
25 Sababii harki isaa hojii hojjechuu hin jaallanneef,
26 Inni guyyaa guutuu kajeela;
27 Aarsaan nama hamaa balfamaa dha;
28 Dhuga baatuun sobaa ni bada;
29 Namni hamaan ija jabaata;
30 Ogummaan, hubannaanii fi karoorri
31 Fardi guyyaa waraanaatiif qopheeffama;