1 Yeroo Efreem dubbatetti namoonni ni hollatan;
2 Isaan ammas itti deddeebiʼanii cubbuu hojjetu;
3 Kanaafuu isaan akkuma hurrii ganamaa,
4 “Ani garuu yeroo ati Gibxii baatee jalqabee
5 Ani gammoojjii keessatti,
6 Yeroo ani isaan sooretti ni quufan;
7 Kanaafuu ani akkuma leencaa isaanitti nan taʼa;
8 Ani akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamaniitti
9 “Yaa Israaʼel, waan ana gargaaraa kee
10 Akka si oolchuuf mootiin kee eessa jira?
11 Ani aarii kootiin mootii siifan kenne;
12 Balleessaan Efreem walitti kuufamee
13 Miixuun akkuma dubartii ciniinsuun qabatteetti isatti dhufa;
14 “Ani saba kana humna awwaalaa jalaa nan baraara;
15 Yoo inni obboloota ofii gidduu jireenya tolaa jiraate iyyuu,
16 Sabni Samaariyaa waan Waaqa isaatti fincileef