Números 23

GAZ vs ACF

Sair da comparação
ACF Almeida Corrigida Fiel
1 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; amma illee korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naa qopheessi” jedhe.
1 Então Balaão disse a Balaque: Edifica-me aqui sete altares, e prepara-me aqui sete novilhos e sete carneiros.
2 Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedhe sana godhe; isaan lamaan tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irratti korma looniitii fi korbeessa hoolaa tokko tokko aarsaa dhiʼeessan.
2 Fez, pois, Balaque como Balaão dissera: e Balaque e Balaão ofereceram um novilho e um carneiro sobre cada altar.
3 Ergasii Balaʼaam Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani xinnoo achi sirraa nan siqa; ati immoo asuma aarsaa kee bira turi. Tarii Waaqayyo anaa wajjin wal arguuf ni dhufa taʼa. Waan inni natti mulʼisu kam iyyuu ani sittin hima.” Innis gara gaara tokkoo dhaqe.
3 Então Balaão disse a Balaque: Fica-te junto do teu holocausto, e eu irei; porventura o Senhor me sairá ao encontro, e o que me mostrar te notificarei. Então foi a um lugar alto.
4 Waaqayyo isaan wal arginaan Balaʼaam, “Ani iddoo aarsaa torba qopheessee tokkoo tokkoo isaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko qopheesseera” jedhe.
4 E encontrando-se Deus com Balaão, este lhe disse: Preparei sete altares, e ofereci um novilho e um carneiro sobre cada altar.
5 Waaqayyo ergaa tokko afaan Balaʼaam keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen.
5 Então o Senhor pôs a palavra na boca de Balaão, e disse: Torna-te para Balaque, e assim falarás.
6 Balaʼaam Baalaaqitti deebiʼee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge.
6 E tornando para ele, eis que estava junto do seu holocausto, ele e todos os príncipes dos moabitas.
7 Balaʼaam ergaa isaa akkana jedhee dubbate:
7 Então proferiu a sua parábola, e disse: De Arã, me mandou trazer Balaque, rei dos moabitas, das montanhas do oriente, dizendo: Vem, amaldiçoa-me a Jacó; e vem, denuncia a Israel.
8 Ani akkamittan warra Waaqni hin abaarin
8 Como amaldiçoarei o que Deus não amaldiçoa? E como denunciarei, quando o Senhor não denuncia?
9 Fiixee gaarranii irraa ani isa nan arga;
9 Porque do cume das penhas o vejo, e dos outeiros o contemplo; eis que este povo habitará só, e entre as nações não será contado.
10 Eenyutu awwaara Yaaqoob lakkaaʼuu dandaʼa?
10 Quem contará o pó de Jacó e o número da quarta parte de Israel? Que a minha alma morra da morte dos justos, e seja o meu fim como o seu.
11 Baalaaqis Balaʼaamiin, “Wanni ati na goote kun maali? Ani akka ati diina koo naa abaartuufin si fide; ati kunoo isaan eebbifte malee waan tokko iyyuu isaan hin goone!” jedhe.
11 Então disse Balaque a Balaão: Que me fizeste? Chamei-te para amaldiçoar os meus inimigos, mas eis que inteiramente os abençoaste.
12 Innis, “Ani waan Waaqayyo afaan koo keessa kaaʼu hin dubbadhuu?” jedhee deebii kenneef.
12 E ele respondeu, e disse: Porventura não terei cuidado de falar o que o Senhor pôs na minha boca?
13 Baalaaq, “Mee gara lafa itti isaan arguu dandeessu biraa na wajjin kottu; ati gara tokko qofa malee hunduma isaanii arguu hin dandeessu. Achiis isaan naa abaari” jedheen.
13 Então Balaque lhe disse: Rogo-te que venhas comigo a outro lugar, de onde o verás; verás somente a última parte dele, mas a todo ele não verás; e amaldiçoa-mo dali.
14 Inni gara dirree Xoofiim kan fiixee Phisgaa irratti argamuutti isa geesse; achittis iddoo aarsaa torba ijaaree tokkoo tokkoo iddoo aarsaa sanaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
14 Assim o levou consigo ao campo de Zofim, ao cume de Pisga; e edificou sete altares, e ofereceu um novilho e um carneiro sobre cada altar.
15 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Ati hamma ani achi siqee Waaqa wajjin wal argutti asuma aarsaa kee bira turi” jedhe.
15 Então disse a Balaque: Fica aqui junto do teu holocausto, e eu irei ali ao encontro do Senhor.
16 Waaqayyo Balaʼaam wajjin wal argee ergaa tokko afaan isaa keessa kaaʼee, “Baalaaqitti deebiʼiitii ergaa kana itti himi” jedheen.
16 E, encontrando-se o Senhor com Balaão, pôs uma palavra na sua boca, e disse: Torna para Balaque, e assim falarás.
17 Balaʼaam Baalaaq bira dhaqee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge. Baalaaqis, “Waaqayyo maal jedhe?” jedhee Balaʼaamiin gaafate.
17 E, vindo a ele, eis que estava junto do holocausto, e os príncipes dos moabitas com ele; disse-lhe pois Balaque: Que coisa falou o Senhor?
18 Balaʼaam akkana jedhee ergaa isaa dubbate:
18 Então proferiu a sua parábola, e disse: Levanta-te, Balaque, e ouve; inclina os teus ouvidos a mim, filho de Zipor.
19 Waaqni nama miti; inni hin sobu;
19 Deus não é homem, para que minta; nem filho do homem, para que se arrependa; porventura diria ele, e não o faria? Ou falaria, e não o confirmaria?
20 Kunoo ani eebbisuudhaaf ajaja argadheera;
20 Eis que recebi mandado de abençoar; pois ele tem abençoado, e eu não o posso revogar.
21 “Inni Yaaqoob keessatti daba hin argine;
21 Não viu iniqüidade em Israel, nem contemplou maldade em Jacó; o Senhor seu Deus é com ele, e no meio dele se ouve a aclamação de um rei.
22 Waaqayyo biyya Gibxiitii isaan baase;
22 Deus os tirou do Egito; as suas forças são como as do boi selvagem.
23 Yaaqoob irratti falfalli tokko iyyuu hin hojjetu;
23 Pois contra Jacó não vale encantamento, nem adivinhação contra Israel; neste tempo se dirá de Jacó e de Israel: Que coisas Deus tem realizado!
24 Kunoo sabni sun akka leenca dhalaatti kaʼa;
24 Eis que o povo se levantará como leoa, e se erguerá como leão; não se deitará até que coma a presa, e beba o sangue dos mortos.
25 Baalaaq Balaʼaamiin, “Ati gonkumaa isaan hin abaarin yookaan isaan hin eebbisin” jedhe.
25 Então Balaque disse a Balaão: Nem o amaldiçoarás, nem o abençoarás.
26 Balaʼaamis, “Ani akka waan Waaqayyo jedhu kam iyyuu hojjedhu sitti hin himnee?” jedhee Baalaaqiif deebise.
26 Porém Balaão respondeu, e disse a Balaque: Não te falei eu, dizendo: Tudo o que o Senhor falar isso farei?
27 Ergasii Baalaaq Balaʼaamiin, “Mee kottu amma illee ani iddoo biraa sin geessaa. Tarii achii jara naaf abaaruun kee Waaqa gammachiisa taʼaatii” jedhe.
27 Disse mais Balaque a Balaão: Ora vem, e te levarei a outro lugar; porventura bem parecerá aos olhos de Deus que dali mo amaldiçoes.
28 Baalaaqis Balaʼaamin fiixee tulluu Pheʼoor kan irra dhaabatanii gammoojjii sana gad ilaalanitti ol baase.
28 Então Balaque levou Balaão consigo ao cume de Peor, que dá para o lado do deserto.
29 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; ammas korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naaf qopheessi” jedhe.
29 Balaão disse a Balaque: Edifica-me aqui sete altares, e prepara-me aqui sete novilhos e sete carneiros.
30 Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedheen sana godhe; tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irrattis korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
30 Balaque, pois, fez como dissera Balaão: e ofereceu um novilho e um carneiro sobre cada altar.

Ler em outra tradução

Comparar com outra