Números 24

GAZ

1 Balaʼaam yeroo akka Israaʼelin eebbisuun Waaqayyoon gammachiise argetti akka yeroo kaanii falfala barbaacha hin dhaqne; garuu fuula isaa gara gammoojjiitti deebifate.

2 Yommuu Balaʼaam ol milʼatee akka Israaʼel gosa gosaan qubate argetti Hafuurri Waaqaa isa irra buʼe;

3 innis akkana jedhee ergaa isaa dubbate:

4 ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu

5 “Yaa Yaaqoob, dunkaanonni kee,

6 “Isaan akkuma sulula diriiraa,

7 Okolee isaa keessaa bishaantu lolaʼa;

8 “Waaqayyo Gibxii isa baase;

9 Inni akkuma leencaa ciiseera;

10 Baalaaq Balaʼaamitti aare. Innis harka ofii isaa walitti rurrukutee Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani akka ati diina koo abaartuufan si waammadhe; ati kunoo yeroo sadan kana isaan eebbifte.

11 Amma dafii asii deemii mana keetti gali! Ani ulfina guddaa siif nan kenna jedheen ture; amma garuu Waaqayyo akka ati ulfina hin arganne si godheera.”

12 Balaʼaamis Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani ergamoota ati natti ergite sanatti akkana jedheen hime mitii?

13 ‘Utuu Baalaaq masaraa meetii fi warqeen guutame sana naaf kennee iyyuu, ani waanuma Waaqayyo jedhe qofan dubbadha malee ajaja Waaqayyootiin alatti waan yaada koo gaarii yookaan hamaa tokko iyyuu hojjechuu hin dandaʼu.’

14 Kunoo ani amma saba kootti nan deebiʼa; garuu mee kottu ani waan sabni kun bara dhufu keessa saba keetiif godhu sin beeksisaa.”

15 Inni akkana jedhee ergaa isaa dubbate:

16 ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu

17 “Ani isa nan arga; garuu amma miti;

18 Edoom ni moʼatama;

19 Yaaqoob keessaa bulchaan tokko ni kaʼa;

20 Ergasiis Balaʼaam Amaaleqin argee akkana jedhee ergaa ofii isa dubbate:

21 Ergasii Qeenota argee akkana jedhee ergaa ofii isaa itti dubbate:

22 taʼus isin warri Qeenotaa,

23 Innis akkana jedhee ergaa isaa itti dubbate:

24 Dooniiwwan qarqara Kitiim irraa ni dhufu;

25 Ergasii Balaʼaam kaʼee mana ofii isaatti deebiʼe; Baalaaq immoo karaa ofii isaa qajeele.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado