Números 20

GAZ vs ARA

Sair da comparação
ARA Almeida Revista e Atualizada 1993
1 Jiʼa jalqabaatti waldaan Israaʼelootaa guutuun Gammoojjii Siin gaʼe; isaanis Qaadesh keessa turan. Miiriyaamis achitti duutee awwaalamte.
1 Chegando os filhos de Israel, toda a congregação, ao deserto de Zim, no mês primeiro, o povo ficou em Cades. Ali, morreu Miriã e, ali, foi sepultada.
2 Waldaan sun bishaan hin qabu ture; kanaafuu waldaan sun Musee fi Arooniin mormuuf walitti qabame.
2 Não havia água para o povo; então, se ajuntaram contra Moisés e contra Arão.
3 Isaanis akkana jedhanii Musee fi Arooniin lolan; “Maaloo utuu nus gaafuma obboloonni keenya fuula Waaqayyoo duratti duʼan sana duunee jiraannee!
3 E o povo contendeu com Moisés, e disseram: Antes tivéssemos perecido quando expiraram nossos irmãos perante o Senhor !
4 Isin maaliif waldaa Waaqayyoo gammoojjii kanatti fiddan? Akka nuu fi horiin keenya asitti dhumnuufii?
4 Por que trouxestes a congregação do Senhor a este deserto, para morrermos aí, nós e os nossos animais?
5 Maaliif biyya Gibxiitii iddoo hamaa kanatti gad nu baaftan? Iddoon kun midhaan yookaan harbuu yookaan ija wayinii yookaan roomaanii hin qabu. Bishaan dhugaatiis hin jiru!”
5 E por que nos fizestes subir do Egito, para nos trazer a este mau lugar, que não é de cereais, nem de figos, nem de vides, nem de romãs, nem de água para beber?
6 Musee fi Aroon waldaa biraa gara balbala dunkaana wal gaʼii deemanii addaan lafatti gombifaman; ulfinni Waaqayyoos isaanitti mulʼate.
6 Então, Moisés e Arão se foram de diante do povo para a porta da tenda da congregação e se lançaram sobre o seu rosto; e a glória do Senhor lhes apareceu.
7 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
7 Disse o Senhor a Moisés:
8 “Ulee sana fuudhiitii, atii fi obboleessi kee Aroonis waldaa walitti qabaa. Fuuluma isaanii durattis kattaa sanatti dubbadhaa; kattaan sunis bishaan baasa. Atis kattaa sana keessaa waldaadhaaf bishaan baafta; akkasiin isaanii fi horiin isaanii bishaan dhuguu dandaʼu.”
8 Toma o bordão, ajunta o povo, tu e Arão, teu irmão, e, diante dele, falai à rocha, e dará a sua água; assim lhe tirareis água da rocha e dareis a beber à congregação e aos seus animais.
9 Kanaafuu Museen akkuma inni isa ajaje sanatti ulee fuula Waaqayyoo dura jiru sana fuudhe.
9 Então, Moisés tomou o bordão de diante do Senhor , como lhe tinha ordenado.
10 Musee fi Aroon kattaa sana duratti waldaa walitti qaban; Museenis waldaa sanaan, “Finciltoota nana, mee dhagaʼaa; nu kattaa kana keessaa bishaan isinii baasuu qabnaa?” jedhe.
10 Moisés e Arão reuniram o povo diante da rocha, e Moisés lhe disse: Ouvi, agora, rebeldes: porventura, faremos sair água desta rocha para vós outros?
11 Museen harka ol fudhatee ulee isaa sanaan yeroo lama kattaa sana dhaʼe. Bishaan achi keessaa lolaanaan waldaa fi horiin isaanii dhugan.
11 Moisés levantou a mão e feriu a rocha duas vezes com o seu bordão, e saíram muitas águas; e bebeu a congregação e os seus animais.
12 Waaqayyo garuu Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Sababii isin fuula Israaʼelootaa duratti akka qulqullummaa kootiitti na kabajjanii natti amanuu diddaniif, isin biyya ani isaanii kenne sanatti waldaa kana hin galchitan.”
12 Mas o Senhor disse a Moisés e a Arão: Visto que não crestes em mim, para me santificardes diante dos filhos de Israel, por isso, não fareis entrar este povo na terra que lhe dei.
13 Kun bishaan Mariibaa, lafa Israaʼeloonni itti Waaqayyoon wal dhabanii fi lafa inni itti akka qulqulluu taʼe gidduu isaaniitti of argisiisee ti.
13 São estas as águas de Meribá, porque os filhos de Israel contenderam com o Senhor ; e o Senhor se santificou neles.
14 Museen akkana jedhee Qaadesh irraa mootii Edoomiitti ergamoota erge:
14 Enviou Moisés, de Cades, mensageiros ao rei de Edom, a dizer-lhe: Assim diz teu irmão Israel: Bem sabes todo o trabalho que nos tem sobrevindo;
15 Abbootiin keenya Gibxitti gad buʼan; nus waggaa hedduu achi jiraanne. Warri Gibxis nuu fi abbootii keenya cunqursan;
15 como nossos pais desceram ao Egito, e nós no Egito habitamos muito tempo, e como os egípcios nos maltrataram, a nós e a nossos pais;
16 garuu nu Waaqayyotti iyyaannaan, inni nu dhagaʼee ergamaa isaa ergee biyya Gibxii nu baase.
16 e clamamos ao Senhor , e ele ouviu a nossa voz, e mandou o Anjo, e nos tirou do Egito. E eis que estamos em Cades, cidade nos confins do teu país.
17 Maaloo mee akka biyya kee keessa baanee dabarru nuu eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokko keessa iyyuu hin yaanu yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo iyyuu si duraa hin dhugnu. Nu karaa mootichaa irra godaanna malee hamma daarii kee keessaa baanutti bitaa mirgatti hin gorru.”
17 Deixa-nos passar pela tua terra; não o faremos pelo campo, nem pelas vinhas, nem beberemos a água dos poços; iremos pela estrada real; não nos desviaremos para a direita nem para a esquerda, até que passemos pelo teu país.
18 Edoom immoo akkana jedhee deebii kenne:
18 Porém Edom lhe disse: Não passarás por mim, para que não saia eu de espada ao teu encontro.
19 Israaʼeloonnis akkana jedhanii deebii kennan:
19 Então, os filhos de Israel lhe disseram: Subiremos pelo caminho trilhado, e, se eu e o meu gado bebermos das tuas águas, pagarei o preço delas; outra coisa não desejo senão passar a pé.
20 Isaan amma illee akkana jedhanii deebisan:
20 Porém ele disse: Não passarás. E saiu-lhe Edom ao encontro, com muita gente e com mão forte.
21 Sababii Edoom biyya ofii isaa keessaan darbuu isaan dhowweef Israaʼeloonni isaan irraa deebiʼan.
21 Assim recusou Edom deixar passar a Israel pelo seu país; pelo que Israel se desviou dele.
22 Sabni Israaʼel hundinuu Qaadeshii kaʼee Tulluu Hoori gaʼe.
22 Então, partiram de Cades; e os filhos de Israel, toda a congregação, foram ao monte Hor.
23 Waaqayyos Tulluu Hoori cinatti daangaa Edoom biratti Musee fi Arooniin akkana jedhe;
23 Disse o Senhor a Moisés e a Arão no monte Hor, nos confins da terra de Edom:
24 “Aroon gara abbootii isaatti walitti qabama. Sababii isin lachuu bishaan Mariibaa biratti ajaja kootti finciltaniif, inni biyya ani Israaʼelootaaf kennutti hin galu.
24 Arão será recolhido a seu povo, porque não entrará na terra que dei aos filhos de Israel, pois fostes rebeldes à minha palavra, nas águas de Meribá.
25 Aroonii fi ilma isaa Eleʼaazaar fuudhiitii Tulluu Hooritti ol baasi.
25 Toma Arão e Eleazar, seu filho, e faze-os subir ao monte Hor;
26 Aroon irraa uffata isaa baasiitii ilma isaa Eleʼaazaaritti uffisi; Aroon gara abbootii isaatti walitti qabamaatii. Inni achitti duʼa.”
26 depois, despe Arão das suas vestes e veste com elas a Eleazar, seu filho; porque Arão será recolhido a seu povo e aí morrerá.
27 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe: Isaanis utuma waldaan Israaʼel guutuun ilaaluu Tulluu Hooritti ol baʼan.
27 Fez Moisés como o Senhor lhe ordenara; subiram ao monte Hor, perante os olhos de toda a congregação.
28 Museenis uffata Aroon irraa baasee ilma isaa Eleʼaazaaritti uffise. Aroonis achuma tulluu sana gubbaatti duʼe. Musee fi Eleʼaazaaris tulluu sana irraa gad buʼan;
28 Moisés, pois, despiu a Arão de suas vestes e vestiu com elas a Eleazar, seu filho; morreu Arão ali sobre o cimo do monte; e dali desceram Moisés e Eleazar.
29 yommuu waldaan Israaʼel hundi akka Aroon duʼe dhagaʼetti manni Israaʼel guutuun bultii soddoma booʼeef.
29 Vendo, pois, toda a congregação que Arão era morto, choraram por Arão trinta dias, isto é, toda a casa de Israel.

Ler em outra tradução

Comparar com outra