Números 21

GAZ

1 Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraatu sun akka Israaʼel karaa Ataariim irra dhufaa jiru dhageenyaan Israaʼeloota lolee isaan keessaa nama tokko tokko boojiʼe.

2 Israaʼeloonnis, “Yoo ati saba kana dabarsitee harka keenyatti kennite, nu guutumaan guutuutti magaalaa isaanii barbadeessina” jedhanii Waaqayyoof wareegan.

3 Waaqayyos iyya Israaʼel dhagaʼee warra Kanaʼaan dabarsee harka isaaniitti kenne. Israaʼeloonnis isaanii fi magaalaawwan isaanii illee guutumaan guutuutti barbadeessan; kanaafuu iddoon sun Hormaa jedhamee waamame.

4 Isaanis Edoom duubaan darbanii deemuuf jedhanii Gaara Hoorii kaʼanii karaa Galaana Diimaatti geessu irra qajeelan. Sabni sun garuu karumatti obsa fixate;

5 isaanis Waaqaa fi Museedhaan mormanii akkana jechuudhaan dubbatan; “Isin maaliif akka gammoojjii keessatti dhumnuuf biyya Gibxii nu baaftan? Buddeenni hin jiru! Bishaan hin jiru! Nus nyaata balfamaa kana jibbineerra!”

6 Waaqayyos bofawwan hadhaa qaban gidduu isaaniitti erge; bofawwan sunis isaan iddanii Israaʼeloonni baayʼeen dhuman.

7 Sabni sunis gara Musee dhufee akkana jedhe; “Nu yeroo Waaqayyoo fi sitti afaan dabarre sana cubbuu hojjenne. Akka Waaqayyo bofawwan kanneen nurraa fageessuuf nuuf kadhadhu.” Museen saba sanaaf kadhate.

8 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Bofa tokko tolchiitii utubaatti fannisi; namni bofni idde kam iyyuu bofa ati tolchite sana ilaalee jiraachuu dandaʼa.”

9 Museen bofa naasii tokko tolchee utubaatti fannise. Ergasiis namni bofti idde kam iyyuu yeroo bofa naasii sana ilaalu ni jiraata ture.

10 Israaʼeloonni fuula duratti qajeelanii Oobooti keessa qubatan.

11 Ergasiis Oobootii kaʼanii Iyyee Abaariim lafa karaa baʼa biiftuutiin fuullee Moʼaabitti gammoojjii keessatti argamu qubatan.

12 Achiis kaʼanii Sulula Zered keessa qubatan.

13 Achii kaʼaniis daarii Arnoon lafa gammoojjii keessaa kan bulchiinsa Amoorotaa keessa seentu sana irra qubatan. Arnoon lafa daarii Moʼaab irraa kan Moʼaabii fi Amoor gidduu jirtuu dha.

14 Sababiin Kitaabni Waraana Waaqayyoo akkana jedhuuf kana:

15 irraan-gadee sululaa

16 Achii kaʼanii gara Biʼeer boolla bishaanii kan Waaqayyo Museedhaan, “Saba walitti qabi; ani bishaan kennaafii” jedhe sanaa karaa isaanii itti fufan.

17 Israaʼelis faarfannaa kana faarfate:

18 Boolla bishaanii ilmaan mootii qotan,

19 Mataanaadhaa kaʼanii Nahaaliʼeel dhaqan; Nahaaliʼeelii kaʼanii Baamooti dhaqan;

20 Baamootii immoo kaʼanii sulula Moʼaab, iddoo itti fiixeen Phisgaa gammoojjiitti garagaltu qubatan.

21 Israaʼelis Sihoon mooticha Amoorotaatiin akkana jechuuf ergamoota ergate:

22 “Akka nu biyya kee keessaan darbinu nuuf eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokkotti iyyuu hin gorru yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo illee hin dhugnu. Nu hamma biyya kee keessaa baanutti karaa mootichaa irra yaana.”

23 Sihoon garuu akka Israaʼel biyya isaa keessa baʼee darbu hin eeyyamne. Innis loltoota ofii guutuu walitti qabatee Israaʼelin loluuf gammoojjiitti gad baʼe. Yommuu Yaahazi gaʼettis Israaʼeliin wal lole.

24 Israaʼel garuu goraadeedhaan isa ajjeesee Arnoonii jalqabee hamma Yaaboq gaʼutti biyya isaa qabate; garuu sababii dallaan daangaa Amoorotaa jabaa tureef inni hamma daangaa Amoonotaa qofatti deemuu dandaʼe.

25 Israaʼelis magaalaawwan Amoorotaa hunda, Heshboonii fi qubatawwan naannoo ishee jiran hunda qabatee keessa qubate.

26 Heshboon kun magaalaa Sihoon mootii Amoorotaa isa mooticha Moʼaab kan duraa lolee biyya isaa hunda hamma Arnoonitti irraa fudhate sanaa ture.

27 Sababiin weellistoonni akkana jedhaniif kana:

28 “Heshboon keessaa ibiddi,

29 Yaa Moʼaab, siif wayyoo!

30 “Nu garuu isaan garagalchineerra;

31 Akkasiin Israaʼel biyya Amoor keessa qubate.

32 Museen Yaʼizeeritti basaastota erge; isaanis qubatawwan naannoo ishee qabatanii Amoorota achi keessa jiraachaa turan ariʼanii baasan.

33 Isaanis ergasii deebiʼanii karaa Baashaan qabatanii ol baʼan; Oogi mootichi Baashaaniitii fi loltoonni isaa guutuun Edreyiitti isaaniin wal loluuf itti gad baʼan.

34 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sababii ani guutuu loltoota isaatii fi biyya isaa illee dabarsee harka keetti kenneef isa hin sodaatin. Waanuma Sihoon mootiin Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sana goote isa illee godhi.”

35 Isaan isa, ilmaan isaatii fi loltoota isaa hunda utuu nama tokko illee hin hambisiniif dhaʼanii biyya isaa illee irraa fudhatan.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado