1 “Namni tokko yoo niitii isaa hiikee
2 “Mee ol milʼadhuutii gaara duwwaa ilaali.
3 Kanaafuu tiifuun ni ittifame;
4 Ati amma iyyuu akkana jettee na hin waamnee?
5 ati yeroo hunda ni aartaa?
6 Waaqayyo bara Yosiyaas Mootichaa keessa akkana naan jedhe; “Ati waan Israaʼel isheen amanamummaa hin qabne sun hojjette argitee? Isheen dhaqxee tulluu ol dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti sagaagalte.
7 Ani waan isheen erga wantoota kanneen hunda hojjettee booddee gara kootti deebitu seʼeen ture; isheen garuu hin deebine. Obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sunis waan kana argite.
8 Ani sababii ejjummaa ishee hundaatiif waraqaa ragaa hiikkaa kenneefiin Israaʼel amanamummaa hin qabne sana of irraa ariʼe; taʼu illee ani akka obboleettiin ishee Yihuudaan amanamummaa hin qabne sun hin sodaanne nan arge; isheenis dhaqxe ejjite.
9 Israaʼel sababii sagaagalummaa ofii akka waan salphaa tokkootti ilaalteef dhagaa fi muka wajjin ejjuudhaan biyya xureessite.
10 Isheen waan kana hunda hojjettu iyyuu obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sun fakkeessuuf malee garaa guutuudhaan gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
11 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yihuudaa hin amanamne irra Israaʼel amantii hin qabnetu qajeeltuu dha.
12 Dhaqiitii ergaa kana kaabatti labsi:
13 Ati akka Waaqayyo Waaqa keetti fincilte,
14 “Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa” jedha Waaqayyo; “ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida.
15 Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna.
16 Bara sana keessa, yeroo baayʼinni keessan biyyattii keessatti akka malee guddatutti,” jedha Waaqayyo, “Namoonni siʼachi, ‘Taabota kakuu Waaqayyoo’ hin jedhan.” Wanni kun gonkumaa sammuu isaanii keessa hin seenu, yookaan hin yaadatamu; kan isa barbaadu hin jiru, yookaan kan biraa hin tolfamu.
17 Isaan yeroo sanatti Yerusaalemiin Teessoo Waaqayyoo jedhanii waamu; saboonni hundinuus maqaa Waaqayyoo ulfeessuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu. Isaan siʼachi mata jabina hammina garaa isaanii duukaa hin buʼan.
18 Bara sana keessa manni Yihuudaa mana Israaʼelitti ni makama; isaanis tokkummaadhaan biyya kaabaatii gara biyya ani akka dhaalaatti abbootii keessaniif kenne sanaa ni dhufu.
19 “Ani mataan koo akkana nan jedhe;
20 Yaa mana Israaʼel,
21 Isaan karaa isaanii jalʼisanii
22 “Yaa saba amantii hin qabne deebiʼaa;
23 Dhugumaan wacni gaarranii fi
24 Ijoollummaa keenyaa jalqabnee waaqonni nama qaanessan,
25 Nu qaanii keenyaan haa ciifnuu;