1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
2 “Ati hamma yoomiitti waan akkasii dubbatta?
3 Waaqni murtii qajeelaa jalʼisaa ree?
4 Yommuu ijoolleen kee cubbuu isatti hojjetanitti,
5 Ati garuu yoo Waaqa barbaadatte,
6 yoo ati qulqulluu fi qajeelaa taate,
7 Jalqabni kee xinnaa taʼu illee,
8 “Dhaloota darbe gaafadhu;
9 nu waan kaleessa dhalanneef waa tokko illee hin beeknuutii;
10 Isaan si hin barsiisanii? Sittis hin himanii?
11 Dhallaadduun lafa caffee hin taʼinitti guddataa?
12 Isaan utuma guddachaa jiranuu, utuu hin muramin,
13 Dhumni warra Waaqa irraanfataniis akkasuma taʼa;
14 Abdiin isaa akkuma salphaatti cita;
15 Inni manʼee isaatti irkata; manʼeen sun garuu hin dhaabatu;
16 Inni akka biqiltuu aduu keessatti bishaan obaafamee lalisuutti,
17 Hidda isaa tuullaa dhagaatti marata;
18 Yommuu inni iddoo isaatii badutti garuu,
19 Kunis dhuma jireenya isaa ti;
20 “Waaqni nama hirʼina hin qabne hin gatu;
21 Inni afaan kee kolfaan,
22 Warri si jibban salphina uffatu.