1 “Mee waami, namni deebii siif kennu jiraa?
2 Nama gowwaa aariitu ajjeesa;
3 Namni gowwaan hidda isaa gad fageeffatee nan arge;
4 Ijoolleen isaa nagaa hin qaban;
5 Namni beelaʼe midhaan isaa qoraattii keessaa iyyuu fuudhee nyaata;
6 Rakkinni biyyoo keessaa hin burquutii;
7 Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaʼu
8 “Garuu utuu ana taʼee Waaqa nan barbaaddadha;
9 Inni dinqiiwwan qoranii bira gaʼuu hin dandeenye,
10 Inni bokkaadhaan lafa ni quubsa;
11 Warra gad qabaman ol baasa;
12 Akka hojiin harka isaanii hin milkoofneef,
13 Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba;
14 Guyyaan dukkana isaanitti taʼa; guyyaa saafaas
15 Inni nama rakkataa goraadee afaan isaanii jalaa,
16 Kanaafuu hiyyeessi abdii qaba;
17 “Namni Waaqni adabu eebbifamaa dha;
18 Inni ni madeessa; ni fayyisas; inni ni cabsa;
19 Balaa jaʼa jalaa si baasa;
20 Bara beelaa duʼa jalaa,
21 Ati garaffii arrabaa jalaa ni dhokfamta;
22 Badiisaa fi beelatti ni kolfita;
23 Dhagoota bakkee wajjin kakuu galta;
24 Dunkaanni kee nagaan akka jiru ni beekta;
25 Ijoolleen kee akka baayʼatan,
26 Akkuma bissiin midhaanii yeroo isaatti walitti qabamu sana,
27 “Nu waan kana qoranneerra; innis dhugaa dha.