1 Eliifaaz namichi Teemaan sun akkana jedhee deebise:
2 “Yoo namni tokko sitti dubbachuu yaale, ati ni komattaa?
3 Ati akka nama baayʼee barsiifte,
4 Dubbiin kee warra gatantaran gargaaree dhaabeera;
5 Amma garuu rakkinni sirra gaʼe; atis abdii kutatteerta;
6 Waaqa sodaachuun kee irkoo kee,
7 “Ammas yaadadhu; namni qulqulluun takkumaa badee beekaa?
8 Akka ani hubadhetti warri waan hamaa qotatan,
9 Isaanis hafuura Waaqni isaanitti baafatuun badu;
10 Leenci ni aada; ni gururiʼas;
11 Leenci jabaan waan adamsu dhabee ni duʼa;
12 “Dubbiin tokko icciitiidhaan naa fidame;
13 Abjuu halkanii sodaachisaa keessa,
14 sodaa fi hollachuun na qabatee
15 Hafuurri luffi jedhee fuula koo dura darbe;
16 Innis ni dhaabate;
17 ‘Namni duʼa hin oolle, Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa?
18 Waaqni tajaajiltoota isaa hin amanatu;
19 yoos warri manneen suphee keessa jiraatan,
20 Isaan ganamaa fi galgala gidduutti burkutaaʼu;
21 Akka isaan ogummaa malee duʼaniif