1 “Yeroo itti qellejjeen dhaltu beektaa?
2 Jiʼa isaan garaatti ilmaan baatan ni lakkooftaa?
3 Isaan jilbeenfatanii ilmaan isaanii dhalu;
4 Ilmaan isaanii ni jabaatu; alattis ni guddatu;
5 “Eenyutu harree diidaa gad dhiise?
6 Ani gammoojjii mana isaa,
7 Inni waca magaalaa keessaatti ni kolfa;
8 Waan dheedu argachuuf tulluuwwan irra laba;
9 “Gafarsi si tajaajiluuf siif ajajamaa?
10 Akka inni lafa siif qotuuf funyoodhaan isa hidhuu ni dandeessaa?
11 Ati waan inni humna guddaa qabuuf isa ni amanattaa?
12 Akka inni midhaan kee walitti qabee
13 “Guchiin gammachuudhaan qoochoo ishee afarsiti;
14 Hanqaaquu ishee lafa irratti buufti;
15 garuu akka miilli wayii caccabsu,
16 Cuucii isheettis akka waan isaan kan ishee hin taʼiniitti garaa jabaatti;
17 Waaqni ogummaadhaan ishee hin badhaafneetii;
18 Yeroo fiiguuf qoochoo ishee balʼifattutti,
19 “Ati fardaaf jabina ni kennitaa?
20 Akka inni akkuma hawwaannisaatti utaalu ni gootaa?
21 Inni humna isaatti gammadee akka malee guulee lafa dhidhiita;
22 Inni sodaatti ni kolfa; waan tokko illee hin sodaatu;
23 Manʼeen xiyyaa, eeboo fi ankaaseen calaqqisus
24 Siʼaaʼee rommuudhaan lafa haadha;
25 Inni yommuu malakanni afuufamutti
26 “Cululleen ogummaa keetiin barriftee
27 Risaan ajaja keetiin ol baʼee
28 Inni qarqara hallayyaa irra jiraata; halkanis achuma bula;
29 Achi taaʼees waan nyaatu adamsa;
30 Cuucoliin isaa dhiiga dhugu;