1 “Kana irratti onneen koo ni dhikkifata;
2 Dhaggeeffadhaa! Iyya sagalee isaa,
3 Inni bakakkaa isaa samii hunda jalatti gad dhiisa;
4 Ergasii sagaleen guungummii isaa ni dhufa;
5 Sagaleen Waaqaa haala dinqisiisaadhaan ni qaqawweessaʼa;
6 Inni cabbiidhaan, ‘Lafa irra buʼi;’
7 Akka namni inni uume hundi hojii isaa beekuuf,
8 Bineensonni holqa isaaniitti galu;
9 Bubbeen hamaan iddoo isaatii ni baʼa;
10 Hafuurri Waaqni baafatu cabbii uuma;
11 Inni duumessoota bishaan baachisa;
12 Isaan waan inni ajaju hunda hojjechuuf,
13 Inni namoota adabuuf, yookaan lafa isaa obaasee
14 “Yaa Iyyoob waan kana dhaggeeffadhu; mee of qabiitii
15 Waaqni akkamitti duumessoota
16 Akka itti duumessoonni wal qixxaatanii rarraʼan,
17 Ati kan yeroo lafti bubbee kibbaatiin calʼistutti
18 samii akkuma of-ilaalee naasii baqfamee jabaatu sana
19 “Waan nu isaan jennu nutti himi;
20 Akka ani dubbachuu fedhu isatti himamuu qabaa?
21 Erga qilleensi samiiwwan qulqulleessee booddee,
22 Waaqni bareedina warqeetiin kaabaa ni dhufa;
23 Waaqni Waan Hunda Dandaʼu hubannaa keenyaa oli;
24 Kanaafuu, namoonni isa sodaatu;