1 Eliihuun ittuma fufee akkana jedhe:
2 “Ani akka qooda Waaqaa wanni jedhamu hedduun jiru
3 Ani beekumsa koo fagoodhaa nan fida;
4 Akka dubbiin koo soba hin taʼin mirkaneeffadhu;
5 “Waaqni jabaa dha; garuu eenyun iyyuu hin tuffatu;
6 Inni hamoota hin jiraachisu;
7 Ija isaa qajeeltota irraa hin buqqifatu;
8 Garuu yoo namoonni foncaadhaan hidhaman,
9 inni hojii isaanii,
10 Inni gurra isaanii sirreeffama dhaggeeffachuuf ni bana;
11 Isaan yoo ajajamanii isa tajaajilan,
12 Yoo ajajamuu baatan garuu,
13 “Warri garaan isaanii Waaqa irraa fagaate, aarii of keessatti kuufatu;
14 Isaan dargaggummaa isaanii keessa duʼu;
15 Inni garuu warra dhiphatan dhiphina isaanii keessaa baasa;
16 “Inni dhiphina keessaa si baasee
17 Amma garuu murtiin hamootaaf malu sirra tuulameera;
18 Akka badhaadhummaan si hin gowwoomsine of eeggadhu;
19 Badhaadhummaan kee yookaan tattaaffiin kee guddaan sun hundi
20 Halkan itti namoonni
21 Ati akka hamminatti hin deebine of eeggadhu;
22 “Kunoo Waaqni humna isaatiin ol ol jedheera;
23 Namni karaa isatti himu,
24 Hojii isaa kan namoonni faarfannaadhaan jajan sana,
25 Namni hundinuu argeera;
26 Dhugumaan Waaqni guddaa dha; nus isa hin beeknu;
27 “Inni copha bishaanii ol baasa;
28 Duumessis jiidha isaa gad coccobsa;
29 Eenyutu akka inni itti duumessoota diriirsu,
30 Akka inni itti bakakkaa naannoo isaatti bittinneessu,
31 Kun haala inni ittiin saboota bulchuu fi
32 Inni harka isaa bakakkaadhaan ni guuta;
33 Kakawween isaa akka bakakkaan dhufu labsa;