Jó 32

GAZ

1 Sababii Iyyoob nama qajeelaa of seʼeef namoonni sadan kunneen deebii kennuufii dhiisan.

2 Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichi maatiin Raamii sun garuu sababii Iyyoob qooda Waaqaa qajeelaa of godheef akka malee itti aare.

3 Akkasumas sababii isaan Iyyoobitti muruu malee deebii hin qabaatiniif Eeliihuun michoota Iyyoob sadanitti akka malee aare.

4 Eliihuun waan namoonni sun umuriidhaan isa caalaniif utuu dursee Iyyoobitti hin dubbatin ture.

5 Garuu yeroo akka namoonni sun sadan waan dubbatan dhaban argetti aariin isaa ittuma caale.

6 Kanaafuu Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichaa sun akkana jedhe:

7 Ani, ‘Umuriin ni dubbata;

8 Garuu hafuura nama keessa jiru,

9 Ogeessi jaarsa qofa miti;

10 “Kanaafuu ani akkana nan jedhaa na dhaggeeffadhaa;

11 Ani yeroo isin dubbattan nan obse;

12 ani qalbeeffadheen isin dhagaʼe.

13 Isin, ‘Nu ogummaa arganneerra;

14 Iyyoob garuu dubbii isaatiin na hin tuqne;

15 “Isaan abdii kutatanii waan jedhan dhaban;

16 Erga isaan calʼisanii,

17 Ani deebii koo nan kenna;

18 Dubbiin na keessa guuteeraatii;

19 garaan koo akkuma daadhii wayinii kan qadaadamee,

20 Ani dubbadhee qabbaneeffachuun qaba;

21 Ani nama wal hin caalchisu;

22 Utuu ani nama saaduu beekee,

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado