1 “Ani ija koo wajjin kakuu galeera;
2 Carraan namni Waaqa samii biraa qabu,
3 Hamootaaf badiisa,
4 Inni karaa koo hin arguu?
5 “Yoo ani karaa sobaa irra deemee
6 Waaqni madaalii dhugaatiin na haa madaalu;
7 yoo tarkaanfiin koo karaa irraa goree,
8 waan ani facaafadhe namni biraa haa nyaatu;
9 “Yoo garaan koo dubartiidhaan gowwoomfamee jiraate,
10 niitiin koo midhaan nama biraa haa daaktu;
11 Kun hammina;
12 Kun ibidda hamma Barbadeessutti waa gubuu dha;
13 “Yoo ani yeroo isaan na himatanitti,
14 yeroo Waaqni kaʼutti ani maalan godha?
15 Isuma gadameessa keessatti na uume sanatu isaan uume mitii?
16 “Yoo ani waan hiyyeessaaf barbaachisu dhowwadhee jiraadhe,
17 yoo ani buddeena koo utuu ilma abbaa hin qabneef hin qoodin
18 ani garuu dargaggummaa kootii jalqabee akkuma abbaattin isa guddise;
19 Ani yoon utuu namni tokko wayyaa dhabee akka malee miidhamuu,
20 sababii ani rifeensa hoolota kootiin isa hoʼiseef,
21 yoo ani mana murtiitti fudhatama qaba jedhee
22 irreen koo gatiittii koo irraa haa buqqaʼu;
23 Ani sababiin dhaʼicha Waaqaa sodaadhee fi
24 “Yoo ani warqee abdadhee yookaan warqee qulqulluudhaan,
25 yoo ani qabeenya koo guddaatti,
26 yoo ani aduu iftu argee
27 akkasiinis garaan koo dhoksaan gowwoomfamee
28 wanni kun cubbuu adabamuu qabuu dha;
29 “Yoo ani badiisa diina kootiitti gammadee
30 ani jireenya isaa abaaruudhaan
31 Yoo namoonni mana koo jiraatan,
32 sababii manni koo karaa deemtuuf banaa tureef,
33 Yoo ani akkuma namoonni godhan sana balleessaa koo garaatti qabadhee
34 ani waldaa guddaa sodaadhee
35 “Maaloo ani utuu nama na dhagaʼu argadhee!
36 Dhugumaan ani gatiittii koo irratti waan kana nan baadha;
37 Tokkoo tokkoo tarkaanfii koo isatti nan hima;
38 “Yoo lafti koo natti iyyitee
39 yoo ani kaffaltii malee midhaan ishee nyaadhe,
40 qooda qamadii qoraattiin,