1 Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu,
2 Sibiilli lafa keessaa baafama;
3 Namni hamma dhuma dukkanaatti deema;
4 Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee
5 Lafa irraa garuu nyaatatu argama;
6 dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti;
7 Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku;
8 Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne;
9 Harki namaa dhagaa jabaa cabsa;
10 Inni kattaa keessaan karaa baasa;
11 Madda lageenii ni sakattaʼa;
12 Ogummaan garuu eessaa argamti?
13 Namni gatii isaa hin beeku;
14 Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha;
15 Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu;
16 Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti
17 Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu;
18 Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman;
19 Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu;
20 Yoos ogummaan eessaa dhufti ree?
21 Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti;
22 Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa
23 Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee,
24 inni handaara lafaa ni ilaala;
25 Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee
26 yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee
27 inni ogummaa ilaalee madaale;
28 Ergasii ilmaan namaatiin,