1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:
2 “Dhugaa Waaqa jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate,
3 hamma lubbuun na keessa jirtutti,
4 afaan koo hammina hin dubbatu;
5 Isin qajeeltota jechuu, Waaqni ana irraa haa fagaatu;
6 Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu;
7 “Diinni koo akka nama hamaa, mormituun koo
8 Yommuu Waaqni lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti,
9 Yeroo rakkinni isatti dhufutti,
10 Inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa?
11 “Ani waaʼee harka Waaqaa isin nan barsiisa;
12 Hundi keessan waan kana argitaniirtu;
13 “Carraan Waaqni nama hamaaf qoode,
14 Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata;
15 Hambaa isaa dhaʼichatu awwaala;
16 Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee
17 waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata;
18 Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti;
19 Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu;
20 Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala;
21 Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata;
22 Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata;
23 Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa;