1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Harʼa iyyuu guungummiin koo hadhaaʼaa dha;
3 Ani utuun iddoo itti isa argadhu beekee,
4 Silaa dhimma koo fuula isaa duratti dhiʼeeffadhee
5 Waan inni naa deebisu nan beekan ture;
6 Inni humna isaa guddaa sanaan anaan mormaa?
7 Namni qajeelaan achuma fuula isaa duratti dhimma isaa ni dhiʼeeffata;
8 “Garuu yoo ani gara baʼa biiftuu deeme, inni achi hin jiru;
9 Yommuu inni kaabatti hojii irra jirutti ani isa hin argu;
10 Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka;
11 Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera;
12 Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne;
13 “Inni garuu of dandaʼee kophaa isaa dhaabata;
14 Inni waan natti mure ni raawwata;
15 Wanni ani fuula isaa duratti naʼuufis kanuma;
16 Waaqni garaa koo ni raase;
17 Haa taʼu malee dukkanni,