1 “Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun maaliif yeroo murtii hin murteessine?
2 Namoonni dhagaa daarii ni dhiibu;
3 Isaan harree ijoollee abbaa hin qabnee ooffatanii deemu;
4 Rakkataa karaa irraa balleessu;
5 Hiyyeeyyiin akkuma harree diidaa kan gammoojjii keessaa
6 Isaan dirree irratti okaa walitti qabatu;
7 Uffata dhabanii halkan qullaa bulu;
8 Isaan bokkaa tulluutiin tortoraniiru;
9 Mucaan abbaa hin qabne harma irraa butameera;
10 Isaan uffata dhabanii qullaa deemu;
11 Isaan dhagaa gidduutti zayitii ejersaa baasu;
12 Aaduun warra duʼuutti jiranii magaalaa keessaa ni dhagaʼama;
13 “Warri ifatti fincilan kanneen daandii isaa hin beekne
14 Yommuu aduun dhiitu, namni nama ajjeesu ni kaʼa;
15 Iji ejjaan dimimmisa eeggata;
16 Namoonni dukkana keessa mana cabsanii seenu;
17 Hunda isaaniitiif, dukkanni guddaan barii isaanii ti;
18 “Taʼus isaan hoomacha bishaan gubbaa ti;
19 Akkuma hoʼii fi hoongeen cabbii baqee xuuxee fixu,
20 Gadameessi isaan irraanfata;
21 Isaan dubartii dhabduu ni saamu;
22 Waaqni garuu humna isaatiin jajjaboota alatti harkisa;
23 Inni akka isaan waan nagaan jiraatan seʼaniif ittuma dhiisuu dandaʼa;
24 Isaan yeroo xinnoof mataa ol qabatu; ergasii immoo ni badu;
25 “Yoo kun akkas taʼuu baate