1 Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
2 “Namni Waaqa fayyaduu dandaʼaa?
3 Yoo ati nama qajeelaa taate wanni kun Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuf // gammachuu maalii kenna?
4 “Wanni Waaqni sitti dheekkamee murtiitti si dhiʼeessuuf
5 Hamminni kee guddaa dha mitii?
6 Ati sababii malee obboloota kee irraa qabdii fudhatteerta;
7 Warra dadhaban bishaan hin obaafne;
8 namni humna qabu biyya qabaata;
9 Ati dubartoota dhirsoonni irraa duʼan harka duwwaa gad dhiifte;
10 Kanaafuu kiyyoon si marseera;
11 Akka ati hin argineef ifni kee dukkanaaʼeera;
12 “Waaqni samii keessa ol fagoo jiraata mitii?
13 Ati garuu akkana jetta; ‘Waaqni maal beeka?
14 Yommuu inni bantii samii irra deemu,
15 Ati daandii durii
16 Isaan utuu yeroon isaanii hin gaʼin fudhataman;
17 Isaanis Waaqaan, ‘Nu dhiisi! Waaqni Waan Hunda Dandaʼu
18 Garuu kan mana isaanii waan gaariin guute isuma;
19 Qajeelonnis badiisa isaanii arganii ni gammadu;
20 ‘Dhugumaan amajaajonni keenya balleeffamaniiru;
21 “Waaqaan walii gali; isa wajjinis nagaan jiraadhu;
22 Afaan isaatii qajeelfama fudhadhu;
23 Yoo gara Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutti deebite, // ati ni haaromfamta;
24 warqee kee biyyoo keessa buufte,
25 yoos Waaqni Waan Hunda Dandaʼu warqee,
26 Ati yeroo sanatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadda;
27 Ati isa kadhatta; inni si dhagaʼa;
28 Wanni ati murteessite ni taʼa;
29 Yeroo namoonni gad qabamanitti ati immoo, ‘Ol isaan qabi!’ jetta;
30 Inni nama balleessaa qabu illee ni oolcha;