1 “Waan kana hunda iji koo argeera;
2 Waan isin beektan anis beeka;
3 Ani garuu Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti nan dubbadha;
4 Isin garuu sobaan nama faaltu;
5 Isin yoo cal jettan maal qaba!
6 Amma falmii koo dhagaʼaa;
7 Isin jalʼinaan Waaqaaf dubbattuu?
8 Isaaf ni loogduu?
9 Yoo inni isin qore wanni gaariin isin irraa argamaa?
10 Yoo isin dhoksaadhaan loogii hojjettan,
11 Surraan isaa isin hin sodaachisuu?
12 Fakkeenyi keessan fakkeenya daaraa ti;
13 “Akka ani dubbadhuuf isin cal jedhaa;
14 Ani maaliifin foon koo ilkaan kootiin,
15 Yoo inni na ajjeese iyyuu ani isa nan abdadha;
16 Kun fayyina koo ni taʼa; warri Waaqatti hin bulle
17 Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa;
18 Kunoo ani himata koo qopheeffadheera;
19 Namni na himatu jiraa?
20 “Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen lamaan naa kenni malee
21 Harka kee narraa fageessi;
22 Ergasii na waami; anis nan owwaadha;
23 Ani balleessaa fi cubbuu hammamin hojjedhe?
24 Ati maaliif fuula kee dhokfattee
25 Baala qilleensi harcaase ni ciccirtaa?
26 Ati waan ittiin na hadheessitu natti barreessitaatii;
27 Miilla koo jirma gidduu galchita;
28 “Namnis akkuma waan bososeetti,