1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Nama jechuun dhugumaan isin;
3 Garuu anis akkuma keessan sammuun qaba;
4 “Ani nama Waaqa waammatee deebii argate taʼu illee,
5 Warri itti tole rakkinatti qoosu;
6 Dunkaanni saamtotaa hin jeeqamu;
7 “Mee horii gaafadhu; isaan si barsiisu;
8 yookaan lafatti dubbadhu; inni si barsiisa;
9 Akka harki Waaqayyoo waan kana hojjete,
10 Lubbuun uumama hundaa,
11 Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu,
12 Ogummaan jaarsolii biratti,
13 “Ogummaa fi humni kan Waaqaa ti;
14 Waan inni diigu eenyu iyyuu deebisee ijaaruu hin dandaʼu;
15 Yoo inni bishaan dhowwate, hongeetu buʼa;
16 Jabinnii fi ogummaan kan isaa ti;
17 Inni gorsitoota qullaa deemsisa;
18 Inni mootota irraa hidhaa hiikee,
19 Luboota qullaa deemsisa;
20 Gorsitoota amanamoo afaan qabachiisa;
21 Warra kabajamootti salphina fida;
22 Inni icciitii dukkanaa keessaa ifatti baasa;
23 Inni saboota ni guddisa; ni balleessas;
24 Bulchitoota addunyaa hubannaa malee hambisa;
25 Isaan dukkana ifa hin qabne keessa qaqqabannaadhaan deemu;