1 Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise:
2 “Dubbiiwwan kunneen hundi deebii argachuu hin qabanii?
3 Of jajuun kee afaan nama qabachiisaa?
4 Ati Waaqaan, ‘Barsiisni koo qulqulluu dha;
5 Maaloo utuu Waaqni sitti dubbatee,
6 icciitii ogummaa siif ibsee ani akkamin hawwa!
7 “Icciitii Waaqaa qorattee bira gaʼuu
8 Isaan samiiwwan caalaa ol fagaatu; ati maal gochuu dandeessa?
9 Safarri isaa lafa caalaa dheerata;
10 “Yoo inni dhufee mana hidhaatti si galche,
11 Dhugumaan inni sobdoota ni beeka;
12 Yoo harreen diidaa nama taʼee dhalate malee
13 “Taʼus yoo ati yaada kee gara isaatti deebiftee
14 cubbuu harka kee keessa jiru yoo of irraa fageessite,
15 ati qaanii tokko malee fuula kee ol qabachuu dandeessa;
16 Ati dhugumaan rakkina kee ni irraanfatta;
17 Jireenyi kee aduu saafaa caalaa ifa;
18 Waan abdiin jiruuf ati hin sodaattu;
19 Ati ni rafta; namni tokko iyyuu si hin sodaachisu;
20 Iji hamootaa ni dadhaba;