1 Xiyoon keessatti malakata afuufaa;
2 guyyaan dukkanaatii fi dimimmisaa,
3 Fuula isaanii duraa ibiddi ni barbadeessa;
4 Isaan bifa fardeenii qabu;
5 Isaan sagalee akka gaarii waraanaatiin
6 Saboonni jara arginii dhiphatu;
7 Isaan akkuma namoota jajjaboo fiigu;
8 Isaan wal hin dhiiban;
9 Isaan magaalaa keessa asii fi achi fiigu;
10 Fuula isaanii duratti lafti ni sochooti;
11 Waaqayyo fuula loltoota isaa duratti
12 “Amma iyyuu garaa guutuudhaan,
13 Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin
14 Maaltu beeka? Tarii inni deebiʼee gaabbee
15 Xiyoon keessatti malakata afuufaa;
16 Saba walitti qabaa;
17 Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan
18 Waaqayyo biyya isaatiif ni hinaafa;
19 Waaqayyo akkana jedhee deebii kennaaf:
20 “Ani loltoota kaabaa isin duraa balleessee
21 Yaa biyya Yihuudaa, hin sodaatin;
22 Yaa bineensota bosonaa, isinis hin sodaatinaa;
23 Yaa uummata Xiyoon gammadi;
24 Oobdiin midhaaniin guutama;
25 “Ani waan bara hawwaannisni nyaate,
26 Isin waan hamma quuftanitti nyaattan baayʼee ni qabaattu;
27 Ergasii isin akka ani Israaʼel keessa jiru
28 “Anis kana booddee,
29 Bara sana keessa, garboota koo
30 Ani ol samii irratti dinqii,
31 Utuu guyyaan Waaqayyoo inni guddichii fi
32 Namni maqaa Waaqayyoo waammatu