1 Akka tulluuwwan fuula kee duratti raafamaniif,
2 Akkuma ibiddi hanxaxii gubee, bishaan danfisu sana,
3 Ati yeroo waan sodaachisaa nu hin yaadin hojjettetti gad buute;
4 Si malee Waaqa warra isa abdataniif dhaabatu,
5 Ati warra gammachuudhaan waan tolaa hojjetan
6 Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra;
7 Namni maqaa kee waammatu tokko iyyuu hin jiru;
8 Taʼus yaa Waaqayyo, ati Abbaa keenya.
9 Yaa Waaqayyo, ati akka malee hin dheekkamin;
10 Magaalaawwan kee qulqulloonni onaniiru;
11 Manni qulqullummaa keenya qulqullichii fi ulfina qabeessi,
12 Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen hunda // calʼuma jettee ilaaltaa?