Isaías 4

GAZ

1 Bara sana keessa dubartoonni torba

2 Bara sana keessa dameen Waaqayyoo bareedee ulfina qabaata; iji lafaas hambaa Israaʼeliif waan isaan ittiin boonanii fi ulfina taʼa.

3 Warri Xiyoon keessatti hafan, warri Yerusaalem keessatti hambifaman, warri namoota Yerusaalem keessa jiraatan keessatti galmeeffaman hundi qulqulloota jedhamanii ni waamamu.

4 Gooftaan xurii dubartoota Xiyoon irraa dhiqa; inni Yerusaalem irraa hafuura murtiitii fi hafuura ibiddaatiin dhiiga ni qulqulleessa.

5 Ergasiis Waaqayyo guutummaa Tulluu Xiyoonii fi warra achitti walitti qabaman hundaa irratti guyyaadhaan duumessa aaraa, halkaniin immoo ifa arraba ibiddaa ni uuma; ulfina sana hunda irra dunkaanatu jiraata.

6 Innis hoʼa guyyaa irraa daʼoo fi gaaddisa, iddoo bubbee hamaa fi bokkaa jalaa itti baqatanii fi iddoo itti dhokatan taʼa.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado