Isaías 20

GAZ

1 Bara ajajaan muummichi Sargoon mooticha Asooriin ergame sun gara Ashdood dhufee lolee ishee qabate sana keessa,

2 yeroodhuma sanatti Waaqayyo karaa Isaayyaas ilma Amoosiitiin dubbate. Innis, “Uffata gaddaa dhagna kee irraa, kophees miilla kee irraa baasi” jedheen. Innis akkasuma godhe; qullaa fi miilla duwwaa asii fi achi deeme.

3 Kana irratti Waaqayyo akkana jedhe; “Akkuma garbichi koo Isaayyaas, akka Gibxii fi Itoophiyaaf mallattoo fi akeekkachiisa taʼuuf jedhee waggaa sadii qullaa fi miilla duwwaa deeme sana,

4 akkasuma mootiin Asoor boojiʼamtoota Gibxii fi baqattoota Itoophiyaa dargaggeessaa fi jaarsa, qullaa fi miilla duwwaa hambisee teessuma isaanii illee qullaa godhee fudhatee deeme; kun warra Gibxiitiif qaanii dha.

5 Warri Itoophiyaa amanatanii Gibxiin boonan ni sodaatu; ni qaanaʼus.

6 Gaafas warri qarqara galaanaa irra jiraatan akkana jedhu; ‘Warra nu itti irkanne, warra mooticha Asoor jalaa nu baasu jennee gargaarsaaf itti baqanne sana irra waan gaʼe mee ilaalaa! Yoos nu akkamitti jalaa baʼuu dandeenya?’ ”

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado