Isaías 19

GAZ

1 Raajii Gibxiin mormu:

2 “Ani warra Gibxi walitti nan naqa;

3 Hafuurri warra Gibxi isaan keessatti jeeqama;

4 Anis dabarsee warra Gibxi

5 Bishaanonni galaanaa ni gogu;

6 Burqaawwan isaa ni ajaaʼu;

7 biqiltuuwwan ededa Abbayyaa,

8 Qurxummii qabdoonni,

9 Warri quncee talbaa iddame qopheessan,

10 Warri wayyaa dhaʼan mataa buusu;

11 Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota;

12 Namoonni keessan ogeeyyiin amma eessa jiru?

13 Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota taʼaniiru;

14 Waaqayyo hafuura nama hadoochu isaanitti dhangalaaseera;

15 Wanni mataan yookaan eegeen, dameen meexxii // yookaan shambaqqoon,

16 Bara sana warri Gibxi akka dubartii taʼu. Harka ol kaʼe kan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isaanitti ol fudhatu sana arganii sodaan ni hollatu.

17 Biyyi Yihuudaas warra Gibxi ni naasisa; namni maqaan Yihuudaa biratti dhaʼamu hundinuu sababii waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isaanitti karoorfachaa jiru sanaatiif ni naʼa.

18 Gaafas biyya Gibxi keessatti magaalaawwan shan afaan Kanaʼaan dubbatu; isaanis Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf amanamoo taʼuuf ni kakatu. Isaan keessaa tokko Magaalaa Badiisaa jedhamti.

19 Gaafas wiirtuu Gibxi keessatti iddoon aarsaa tokko Waaqayyoof ni hojjetama; daangaa biyyattii irrattis siidaan tokkoo Waaqayyoof ni dhaabama.

20 Kunis biyya Gibxi keessatti Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf mallattoo fi dhuga baʼumsa taʼa. Yeroo isaan sababii cunqursitoota isaaniitiif gara Waaqayyootti iyyatanitti, inni fayyisaa fi baraaraa tokko ergeefii isaan oolcha.

21 Kanaafuu Waaqayyo warra Gibxitti of beeksisa; isaanis gaafas Waaqayyoon ni beeku. Isaanis qalmaa fi kennaa midhaaniitiin waaqeffatu; Waaqayyoofis ni wareegu; wareega sanas ni baafatu.

22 Waaqayyo biyya Gibxi ni rukuta; rukutees ni fayyisa. Isaan gara Waaqayyootti ni deebiʼu; innis kadhannaa isaaniitiif deebii kennee isaan fayyisa.

23 Gaafas Gibxii hamma Asooritti karaa guddaa tokkotu jiraata. Warri Asoor gara Gibxi, warri Gibxis gara Asoor ni dhaqu. Warri Gibxii fi warri Asoor walii wajjin ni waaqeffatu.

24 Israaʼel bara sana keessa Gibxii fi Asooritti dabalamtee sadaffaa taati; kunis lafa irratti eebba taʼa.

25 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼus, “Gibxi sabni koo, Asoor hojiin harka kootii fi Israaʼel dhaalli koo haa eebbifaman” jedhee isaan eebbisa.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado