1 Kadhannaa Anbaaqoom raajichaa shigiyonootiidhaan.
2 Yaa Waaqayyo, ani oduu kee dhagaʼeera;
3 Waaqni Teemaan irraa,
4 Miidhaginni isaa akkuma baʼiisa aduu ti;
5 Fuula isaa dura dhaʼichatu deeme;
6 Inni dhaabatee lafa raase;
7 Ani utuu dunkaanonni Itoophiyaa dhiphatanuu nan arge;
8 Yaa Waaqayyo, ati lageenitti aartee turtee?
9 Ati iddaa kee luqqifattee
10 tulluuwwan si arganii hollattan.
11 Sababii xiyya kee calaqqisaa fiigu sanaatii fi
12 Ati dheekkamsaan lafa irra marmaarte;
13 Ati saba kee furuuf,
14 Yeroo loltoonni isaa nu bittinneessuuf kaʼanii,
15 Ati fardeen keetiin bishaanota gurguddaa
16 Ani dhagaʼeen garaan koo raafame;
17 Yoo mukni harbuu daraaruu baatee
18 ani garuu Waaqayyotti nan gammada;
19 Waaqayyo Gooftaan jabina koo ti;