1 Daawit ajajjoota loltootaa wajjin akka isaan kiraaraan, baganaa fi kililleetti fayyadamanii raajii dubbataniif maatii Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun keessaa namoota addaan baafate. Maqaan namoota tajaajila kana kennaa turaniis:
2 Ilmaan Asaaf keessaa:
3 Ilmaan Yeduutuun keessaa:
4 Ilmaan Heemaan keessaa:
5 Isaan kunneen hundi ilmaan Heemaan namicha mootichaaf mulʼata argu sanaa turan. Isaan akka isa kabajaniif akkuma Waaqni abdachiise sanatti isaa ni kennaman. Waaqnis ilmaan kudha afurii fi intallan sadii Heemaaniif ni kenne.
6 Namoonni kunneen hundi tajaajila mana Waaqaa keessatti faarfannaa kililleedhaan, kiraaraa fi baganaadhaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti faarfatamu sanaaf qajeelcha abbootii isaanii jala turan.
7 Isaanii fi firoonni isaanii kanneen hundi isaanii faarfannaa Waaqayyoof faarfatamuun leenjifamanii ogummaa qaban walumaa galatti 288 turan.
8 Jarris ramaddii isaanii beekuudhaaf xinnaa fi guddaan, barsiisaa fi barataan haaluma wal fakkaatuun ixaa buufatan.
9 Ixaan jalqabatti Asaafiif buʼe sun Yoosefiif, // ilmaan Yoosefiitii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaaniis kudha lama turan
10 sadaffaan Zakuuriif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
11 afuraffaan Izriif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
12 shanaffaan Naataaniyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
13 jaʼaffaan Bukiyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
14 torbaffaan Yishiriʼeeliif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
15 saddeettaffaan Yashaayaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
16 saglaffaan Mataaniyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
17 kurnaffaan Shimeʼiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
18 kudha tokkoffaan Azariʼeeliif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
19 kudha lammaffaan Hashabiyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
20 kudha sadaffaan Shuubaaʼeeliif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
21 kudha afuraffaan Matiitiyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
22 kudha shanaffaan Yereemootiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii nama kudha lama turan
23 kudha jaʼaffaan Hanaaniyaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
24 kudha torbaffaan Yoshibqaashaaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
25 kudha saddeettaffaan Hanaaniif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii nama kudha lama turan
26 kudha saglaffaan Malootiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
27 digdammaffaan Eliyaataaf, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
28 digdamii tokkoffaan Hootiiriif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
29 digdamii lammaffaan Gidaltiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
30 digdamii sadaffaan Mahaaziyootiif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan
31 digdamii afuraffaan Roomaamti-Ezeriif, // ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; // baayʼinni isaanii kudha lama turan.