1 Crônicas 26

GAZ

1 Akka itti eegdonni karraa qoodaman:

2 Mesheleemiyaa ilmaan qaba ture; isaanis:

3 inni shanaffaan Eelaam, jaʼaffaan Yehohaanaan,

4 Oobeed Edoomis akkasuma ilmaan qaba ture; isaanis:

5 jaʼaffaan Amiiʼeel,

6 Shemaaʼiyaan ilmi isaas ilmaan qaba ture; isaanis waan dandeettii guddaa qabaniif qajeelchitoota maatii abbaa isaanii turan.

7 Ilmaan Shemaaʼiyaa:

8 Isaan kunneen hundi ilmaan Oobeed Edoom; isaan, ilmaan isaaniitii fi firoonni isaanii namoota jajjaboo dandeettii hojii qaban turan; ilmaan Oobeed Edoom; walumatti nama 62 turan.

9 Mesheleemiyaa fi firoota dandeettii guddaa qaban qaba ture; isaanis walumatti nama 18 turan.

10 Hoosaan inni gosa Meraarii sun ilmaan qaba ture; isaanis:

11 inni lammaffaan Hilqiyaa, inni sadaffaan Xibaliyaa,

12 Garee eegdota karraa kana keessaa hangafoota isaaniitiif hojiin akkuma firoonni isaanii hojjetan sanaa mana Waaqayyoo keessa tajaajiluu ni kennameef.

13 Tokkoo tokkoo balbalaatiifis akkuma maatii maatii isaaniitti xinnaa guddaaf ixaan buʼe.

14 Ixaan Karra Baʼa Biiftuu Shelemiyaaf baʼe.

15 Ixaan Karra gama kibbaa Oobeed Edoomiif, kan mankuusaa immoo ilmaan isaatiif baʼe.

16 Ixaan Karra Lixa biiftuutii fi Karra Shaleekeet kan daandii olii irratti argamu Shufiimii fi Hoosaaf baʼe.

17 Karaa baʼa biiftuutiin guyyaa guyyaatti Lewwota jaʼa,

18 Oobdii gama lixa biiftuutiin jiruuf daandii irra afur, waltajjicha gubbaa immoo lamatu ture.

19 Isaan kunneen garee eegdota karraa kanneen ilmaan Qooraahiitii fi Meraarii keessaa dhufanii dha.

20 Lewwota keessaa Ahiiyaan itti gaafatamaa qabeenya mana Waaqaatii fi itti gaafatamaa miʼoota qulqulleeffamanii ture.

21 Sanyiiwwan Laʼadaan kanneen karaa Laʼadaaniitiin Geershoonota taʼan warri hangafoota maatii Laʼadaan namicha gosa Geershoon sanaa turan: Yehiiʼeelii,

22 ilmaan Yehiiʼeelii, Zeetaamii fi obboleessa isaa Yooʼeel. Isaan kunis itti gaafatamtoota qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyoo turan.

23 Amraamota keessaa, Yizihaarota keessaa, Kebroonota keessaa, Uziiʼeel keessaa:

24 Shebuuʼeel ilmi Geershoom ilma Musee sanaa itti gaafatamaa qabeenyaa hangafa ture.

25 Namoonni karaa Eliiʼezeriitiin firoota isaa taʼan immoo: ilma isaa Rehaabiyaa, ilma isaa Isaayyaas, ilma isaa Yooraam, ilma isaa Zikrii fi ilma isaa Sheloomiit.

26 Sheloomiitii fi firoonni isaa mankuusaa miʼoota Daawit mootichi, hangafoonni maatiiwwanii kanneen ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa turan, akkasumas ajajjoonni loltootaa biraa Waaqaaf addaan baasan irratti itti gaafatamtoota turan.

27 Isaan boojuu waraanaan argame keessaa gara tokko haaromsuu mana qulqullummaa Waaqayyootiif addaan baasanii kennan.

28 Waan Saamuʼeel namichi mulʼata argu sun, Saaʼol ilmi Qiish, Abneer ilmi Neerii fi Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiʼeessanii fi waan Waaqaaf addaan baafame hunda Sheloomiitii fi firoota isaatu eega ture.

29 Yizihaarota keessaa:

30 Kebroonota keessaa:

31 Kebroonota keessaa akkuma galmee hiddaa dhaloota maatii isaaniitti Yeriyaan hangafa isaanii ture.

32 Yiriiyaan firoota dandeettii qaban kanneen hangafoota maatii turan kuma lamaa fi dhibba torba qaba ture; Daawit mootichis waan kan Waaqaa taʼeef dhimma mootichaa hunda irratti gosa Ruubeen gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee toʼattoota godhe.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado