1 Crônicas 24

GAZ

1 Ilmaan Aroon akka armaan gadiitti ramadaman:

2 Naadaabii fi Abiihuu garuu utuu ijoollee hin dhalchin abbaa isaanii dursanii duʼan; kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar luboota taʼanii tajaajilan.

3 Daawitis gargaarsa Zaadoq sanyii Eleʼaazaar sanaatii fi Ahiimelek sanyii Iitaamaariin akkuma tajaajila isaaniitti garee gareen isaan ramade.

4 Sanyiiwwan Iitaamaarii caalaa sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa hooggantoonni hedduun ni argaman; isaanis akkanatti ramadaman: sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa abbootii maatii kudha jaʼa, sanyiiwwan Iitaamaar keessaa immoo abbootii maatii saddeet.

5 Isaan sababii sanyiiwwan Eleʼaazaarii fi sanyiiwwan Iitaamaar keessa qondaaltonni mana qulqullummaatii fi qondaaltonni Waaqaa turaniif loogii malee ixaadhaan isaan ramadan.

6 Shemaaʼiyaan ilmi Naatnaaʼel namicha gosa Lewwii barreessaan sun fuula mootichaatii fi qondaaltotaa duratti maqaa isaanii Zaadoq lubicha, Ahiimelek ilma Abiyaataar, abbootii maatiiwwan lubootaatii fi Lewwotaa, innis gosa Eleʼaazaar keessaa maatii tokko, gosa Iitaamaar keessaa immoo maatii tokko fuudhee barreesse.

7 Ixaan jalqabaa Yehooyaariibiif,

8 sadaffaan Haariimiif,

9 shanaffaan Malkiyaaf,

10 torbaffaan Haqoosiif,

11 saglaffaan Yeeshuuʼaaf,

12 kudhan tokkoffaan Eliyaashiibiif,

13 kudha sadaffaan Huphaaf,

14 kudhan shanaffaan Bilgaaf,

15 kudha torbaffaan Heeziiriif,

16 kudha saglaffaan Phetaayaaf,

17 digdamii tokkoffaan Yaakiiniif,

18 digdamii sadaffaan Delaayaaf,

19 Kun seera isaan yeroo mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanitti ittiin tajaajilanii dha; seera kanas abbaa isaanii Aroonitu akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel isa ajajetti isaaniif kenne.

20 Ilmaan Lewwii warra hafan:

21 Ilmaan Rehaabiyaa keessaa: Yishiyaa hangafticha.

22 Yizihaarota keessaa: Sheloomiit;

23 Ilmaan Kebroon: Inni jalqabaa Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.

24 Ilma Uziiʼeel: Miikaa.

25 Obboleessa Miikaa: Yishiyaa;

26 Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii.

27 Ilmaan Meraarii:

28 Mahilii irra: Eleʼaazaar; namichi kun ilmaan hin qabu ture.

29 Qiish irraa: Yeramiʼeel ilma Qiish.

30 Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yeriimooti.

31 Isaanis akkuma obboloota isaanii ilmaan Aroon sana fuula Daawit Mootichaa duratti, fuula Zaadoq, Ahiimelek, fuula hangafoota maatii lubootaatii fi Lewwotaa duratti ixaa buufatan. Maatii obboleessa hangaftichaatiifis akkuma maatii obboleessa quxisuutti ixaan buʼe.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado