1 Daawit erga waggaa hedduu jiraatee dulloomee booddee ilma isaa Solomoonin Israaʼel irratti mootii godhe.
2 Akkasumas Daawit dura buutota Israaʼel hunda, lubootaa fi Lewwota illee walitti qabe.
3 Lewwonni umuriin isaanii waggaa soddomaa fi hammasii olii ni lakkaaʼaman; baayʼinni dhiirotaa kuma soddomii saddeet taʼe.
4 Daawitis akkana jedhe; “Isaan kanneen keessaa kuma digdamii afur hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo haa toʼatan; namoonni kuma jaʼa qondaaltotaa fi abbootii murtii haa taʼan.
5 Kumni afur eegdota balbalaa haa taʼan; kumni afur immoo miʼoota faarfannaa kanneen ani kaayyoo kanaaf kenneen Waaqayyoon haa galateeffatan.”
6 Daawitis Lewwota akkuma gosoota Lewwiitti garee gareen gargar ni qoode; isaanis: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
7 Gosa Geershoon keessaa:
8 Ilmaan Laʼadaanii:
9 Ilmaan Shimeʼii:
10 Ilmaan Shimeʼii:
11 Yahaati hangafa; Ziinaan lammaffaa; Yeʼuushii fi Beriiyaan garuu ilmaan baayʼee hin qaban; kanaafuu isaan akkuma maatii tokkootti lakkaaʼaman.
12 Ilmaan Qohaatii:
13 Ilmaan Amraam:
14 Ilmaan Musee nama Waaqaa immoo gosa Lewwiitti dabalamanii lakkaaʼaman.
15 Ilmaan Musee:
16 Ilmaan Geershoomii:
17 Ilmaan Eliiʼezerii keessaa:
18 Ilmaan Yizihaar keessaa:
19 Ilmaan Kebroon;
20 Ilmaan Uziiʼeel:
21 Ilmaan Meraarii:
22 Eleʼaazaar utuu ilmaan hin dhalchin duʼe; inni intallan qofa qaba ture. Durbiiwwan isaanii ilmaan Qiishitu isaan fuudhe.
23 Ilmaan Muusii:
24 Isaan kunneen ilmaan Lewwii kanneen akkuma mana abbootii isaaniitti hangafoonni abbootii warri maqaa maqaadhaan galmeeffamanii tokko tokkoon lakkaaʼaman, hojjettoota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe warra mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tajaajilanii dha.
25 Daawit akkana jedhee tureetii; “Waaqayyoo Waaqni Israaʼel saba isaatiif boqonnaa kenneera; bara baraanis Yerusaalem keessa ni jiraata;
26 siʼachi Lewwonni dunkaana yookaan miʼoota achi keessatti itti fayyadaman hin baatan.”
27 Akkuma qajeelcha Daawit dhuma irratti kenneetti, Lewwonni waggaa digdamaa fi sanaa olii hedamaniiruutii.
28 Hojiin Lewwotaas tajaajila mana qulqullummaa Waaqaa keessatti sanyiiwwan Aroonii gargaaruu dha; kunis oobdiiwwanii fi kutaawwan mana qulqullummaa eeguu, miʼoota qulqulluu qulqulleessuu fi hojiiwwan biraas mana Waaqayyoo keessatti hojjechuu dha.
29 Akkasumas buddeena minjaala irra kaaʼuu, daakuu kennaa midhaanii, buddeena utuu hin bukaaʼin tolfame, tolchuu fi waliin makuu, safartuu fi madaalii hunda irratti itti gaafatamtoota turan.
30 Isaan guyyaa guyyaadhaan Waaqayyoon galateeffachuu fi jajachuuf ganama ganama fuula isaa dura ni dhaabatu; galgala galgalas akkasuma ni godhu;
31 yeroo aarsaan gubamu guyyaa Sanbataa Waaqayyoof dhiʼeeffamutti yeroo Ayyaana Baatii Haaraa fi gaafa ayyaana yeroon isaa murtaaʼe kamii iyyuu akkanuma ni godhu. Isaan yeroo hunda akkuma lakkoobsaa fi qajeelfama isaanii kennameetti fuula Waaqayyoo dura tajaajilu ture.
32 Lewwonni akkasiin itti gaafatama dunkaana wal gaʼii fi Iddoo Qulqulluu eeguuf qaban raawwatan; akkasumas ajaja obboloota isaanii sanyiiwwan Aroon jalatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti qaban raawwachaa turan.