1 Waaqayyoon, galateeffachuun, yaa Waaqa Waan Hundaa Olii,
2 Jaalala kee ganamaan,
3 kiraara ribuu kudhaniitiin,
4 Yaa Waaqayyo, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii;
5 Yaa Waaqayyo, hojiin kee akkam guddaa dha;
6 Namni qalbii hin qabne waan kana beekuu hin dandaʼu;
7 hamoonni yoo akkuma margaa biqilan iyyuu,
8 Yaa Waaqayyo, ati garuu bara baraan ol ol jetta.
9 Yaa Waaqayyo, kunoo diinota kee,
10 Ati gaanfa koo akka gaanfa gafarsaa ol ol qabde;
11 Iji koo moʼatamuu diinota koo argeera;
12 Qajeeltonni akkuma muka meexxii ni dagaagu;
13 isaan mana Waaqayyoo keessa dhaabamanii jiru;
14 Isaan amma iyyuu bara dullumaa keessa ija naqatu;
15 Isaanis, “Waaqayyo tolaa dha; inni Kattaa koo ti;