1 Waaqni haa kaʼu; diinonni isaas haa bittinnaaʼan;
2 Akkuma aarri bittinnaaʼu, ati isaan bittinneessi;
3 Qajeelonni garuu haa gammadan;
4 Waaqaaf faarfadhaa;
5 Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa,
6 Waaqni warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa;
7 Yaa Waaqayyo, gaafa ati saba kee dura baate,
8 fuula Waaqaa, Waaqa Siinaa duratti,
9 Yaa Waaqayyo, ati bokkaa baayʼee roobsite;
10 Sabni kee achi qubate;
11 Gooftaan dubbii isaa kenne;
12 “Mootonnii fi loltoonni ariitiin baqatan;
13 Yoo gola hoolotaa gidduutti argamtan illee,
14 Yommuu Waaqni Waan Hunda Dandaʼu
15 Yaa tulluu Baashaan, yaa tulluu surra qabeessa,
16 yaa tulluu fiixee baayʼee qabdu,
17 Gaariiwwan Waaqaa kuma hedduu dha;
18 Ati yommuu ol gubbaa baatetti
19 Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu,
20 Waaqni keenya Waaqa fayyinaa ti; duʼa jalaa baʼuunis
21 Waaqni dhugumaan mataa diina isaa,
22 Gooftaan akkana jedha; “Ani deebisee Baashaanii isaan nan fida;
23 kunis akka ati dhiiga diinota keetii miilla keetiin borcituuf;
24 Yaa Waaqayyo, hiriirri kee mulʼateera;
25 Fuula duraan faarfattoota,
26 Waldaa guddaa keessatti Waaqa jajadhaa;
27 Beniyaam gosti xinnichi isaan dura deema;
28 Yaa Waaqayyo, humna kee ajaji;
29 Sababii mana qulqullummaa keetii kan Yerusaalem keessaatiif
30 Bineensota shambaqqoo keessaa,
31 Ergamoonni Gibxi ni dhufu;
32 Yaa mootummoota lafaa, Waaqa faarfadhaa;
33 isa samiiwwan durii keessa gulufu,
34 Waaqa ulfinni isaa Israaʼel irra jiru,
35 Yaa Waaqayyo, ati iddoo qulqullummaa keetiitti sodaachisaa dha;