1 Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti,
2 Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha;
3 Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu;
4 Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif,
5 Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan;
6 Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata;
7 Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita;
8 Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan,
9 Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru;
10 Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi;
11 Mootiin miidhagina kee hawwa;
12 Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti;
13 Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti;
14 Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffattee // gara mootiitti geeffamti;
15 Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu;
16 Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan;
17 Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha;