1 Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera;
2 Gurra kee gara kootti qabi; dafiitii na oolchi;
3 Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef,
4 Ati iddoo ani itti baqadhu waan taateef,
5 Ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha;
6 Ani warra waaqota faayidaa hin qabne abdatan nan jibba;
7 Ani jaalala kee kan hin geeddaramne sanatti nan gammada; nan ililchas;
8 Ati dabarsitee diinatti na hin kennine;
9 Yaa Waaqayyo, ani dhiphina keessan jiraatii na baasi;
10 Jireenyi koo gaddaan, umuriin koo aaduudhaan dhumeera;
11 Sababii diinota koo hundaatiif,
12 Ani akkuma nama duʼeetti irraanfatameera;
13 Asaasa namoota baayʼee nan dhagaʼaatii;
14 Yaa Waaqayyo, ani garuu sin amanadha;
15 Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa,
16 Fuulli kee tajaajilaa kee irratti haa ifu;
17 Yaa Waaqayyo, ani hin qaaneffamin;
18 Afaan soba dubbatu,
19 Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse,
20 Daʼoo fuula keetiitiin,
21 Waaqayyo haa eebbifamu;
22 Ani yeroon akka malee dhiphadhetti,
23 Qulqulloonni isaa hundinuu, Waaqayyoon jaalladhaa!
24 Warri Waaqayyoon abdattan hundinuu jabaadhaa;